Haala guddinaa fi jijjiirama adeemsa falamii qabsoo bilisummaa keessatti godhamu fi fincila diddaa gabrummaa saba Oromoo keessatti godhameef gaheen Barattootni Oromoo murteessaa fi gat-qabeessa ta'uun wal nama hin gaafachiisu. Haaluma kanaan bara QBO qindoominaan eegalee irraa kaasee hanga har'aatti kan hin dhabbanne ta'uu isa ti. Akkasumas barattooti Oromoo qooda gudda haa qabaatan malee murnoota hawaasa Oromoo hundi yeroo adda addaa fi bakka adda addaatti keessatti hirmaatanii darbanii jiru. Ammas irratti hirmaachaa jiru..
Eeyyee hirmaannaan Barattoota Oromoo dursanii ilaaluun barbachisaa dha. Sababi isaas barattoonni Oromoo miidhaa gabrummaan uumata isaanii irra gahu wan hubataniif qalbiin fi onneen isaanii gabrummaa waliin buluu hin feedhu. Murannoon sochii isaaniis fedhi fi hawwii kana irraa madda. Qaanqeen isaan qabsiisan ummata keessatti faca`ee hardha diddaan fincila gabrummaa ummata Oromoo guddeessa keessatti dagaagee dhaaba kallacha Oromoo ABOn hogganamee qabsoo Oromoo boqonnaa haaratti tarkaanfachiisaa jira. Sochiileen barattoota Oromoo dhaloota ammaa fincila abbootii kaleessaa irraa dhaalame dha. Diddaan kun itti fufiinsa diddaa baroota 1970taati amma bifaa fi haala jijjiirratee bifa kanaan muldhate. Borus akkaataa itti muldhatu amma himuun hin feesisu.
Fincila Diddaa Gabrummaa Sadaasaa 9, 2005 labsa ABO irraa kannameen eegalee wareegama kaleessa qabsaawonni Oromoo qaqqaaliin baasanii as gahanii akka ta'e eenyuufuu ifaa dha.
Haalli Fincilli Diddaa Gabrummaa sadaasa 9, 2005 itti jalqabe yeroon isaa yeroo Impaayerattii keessatti wal dhabbiin siyaasa cimaan deemaa ture ta'uun ni yaadatama. Haala kana keessatti ABO ``Ummatni Oromoo tapha siyaasaa biyyattii keessa deemaa jiru callisee ilaaluu hin qabu! Mirga Isaaf qabsaa'uuf Eenyu Irraa Iyyuu Eeyyama Hin Gaafatu`` jedhee fincila labse. Haaluma kanaan sadaasa 9, 2005 FDG kaabaa- kibbatti, bahaa- dhihatti fi gidduu galeessatti walitti dhaammatee sosso'e.
Sadaasa 9, 2005 wayyaaneen sodaa qabdu irraa kaatee barattoota Amboo kan sadarkaa lammaffaa keessaa baratan waan sodaatteef akka sochiin hin eeegaleen barattoota Oromoo lama Jaagamaa Badhaanee fi Kabbadaa Badhaasaa battalumatti ajjeefte. Akeeki wayyaanee uummata Oromoo shororkeessuun fincila diddaa gabrummaa kaasuu dandahu irraa qabaneessuu ture. Haa ta'u malee akeeki diinaa fashale. Ajjeechaan barattoota kanaa uummata aarsee akka mormii isaa ifaan ibsu. Akka bara du'a gooticha Daraaraa Kafanii, Gootota Oromoo diinaan ajjeefamanii, uummata yaadachiisuun madaa hin qoorre itti kakaase.. Uummati Oromoo aalaabaa ABO bakka dhoksee gadi baasee reeffa Gootota Barattoota Oromoo itti uffise! Ofiis Alaabaa ABO qabatee gootummaan sirna awwaalchaa irratti argamuun akka guyyaa tokko gumaa isaanii bahu walii galee. Haala kanaan Amboo fi naannoo ishee keessatti, akkasumas Oromiyaa nannoo biroo keessatti diddaa ummataa wal qabatee jabaatee itti fufe.
Guyyaa kanatti Gootonni barattoonni Oromoo Jimmaa ona Qarsaa mana barumsaa sadarkaa 1ffaa ganda Qarsuu Tolii keessatti fincilli diddaa gabrummaa jabaachuun Dhaadannoo isaanii mana barumsaa keessatti maxxansuu, olii gad deemanii dhaadachuun sagalee isaanii dhageessisan. Barattooti kun wareegamuu Jagamaa fi Kabbadaa erga dhagahanii gumaa Barattoota wareegamani ni baasna jechaa dhadachuun jabaatee itti fufe.
Sadaasaa 10, 2005 barattoonni Oromoo Godina Wallaggaa Lixaa Mana barumsaa Biiftuu Gimbiittis fincila dhoosan. Poolisoonni wayyaanees sochii barattootaa ukkaamsuuf mana barumsaa marsani qawwee itti dhukaasudhaan barattoota heddu ukkaamsanii hidhan. Haa ta'uuti gootota barattoota Oromoo dhukaasaa fi hidhaan diddaa haqa deebisuuf, abbaa biyyummaa Oromoo deebisuuf godhan irraa isaan hin deebisne.
Fincilli Diddaan Gabrummaa Sadaasa 9, 2005 barattoota Oromoon dhaabbilee barnootaa olaanaa fi sadarkaa lammaffaa keessatti eegale gara kutaalee Oromiyaa maratti babal'ate. Haaluma kanaan sadaasaa 10, 2005 sochiin barattootaa kun Amboo, Xuqur hincinnii, Geedoo, Baakkoo, Ijaajjii, Naqqamte, Gimbii, Kaaba Shawaa, Shaambuu, Sarboo, Shaashamannee, Kofalee, Ciroo, Adaamaa, yuniversity Maqalee, yuniversity Kibbaa (Awaasaa), yuniversity Haromayyaa, yuniversity Jimmaa, yniversity Bahir Darfi yuniversity Gondor keessatti fufee oole. Kamisee (baatee) sochiin barattoota sadarkaa lammaffaattis itti fufe. Gujii fi Booranaattis sochiin kun bubbulee qabate.
Keessattuu sadaasa 10 galgala waraqaa dhaadannoolee dubbifaman magaala keessaa fi naannoo manneen barnootaa keessatti faca`en wayyaannoon rifaatu guddaa keessa galan.
Bakka sochiin fincila diddaa gabrummaa kun gaggeeffamaa turetti kan qooda jabaa kennaa ture irra jireessi barattoota turan jechuun ni dandahama. Garuu bakkoota Oromiyaa garii akka Amboo, Ijaajjii, Xuqur hincinnee, fi Hangar Guttin keessatti karaa cufuun fi ummati sochii barattootaa kana ofitti fudhatee itti makamuu fi gumaa barattoota Oromoo wareegamanii baasuuf sirbuu fi dhaadhachuun itti fufe. Sirna awwaala Jaagamaa faa irratti alaabaan ABO ifaan balali`aa fi saanduqatti uffisuun kabajaa fi ulfina gootota Oromoo diddaa irratti wareegamaniif ibsuu eegale.
Diddaan Oromoo Oromiyaa maratti itti fufee Oromooti Ciroo, Daarolabu, Machaaraa, Baakkoo, Jimmaa, Laaloo Assaabii, Kofalee, Shashamannee, Siraaroo, Dodolaa, Baddallee, Dambi Dollo, Yaa`aa ballo`o, Najjoo, Kamisee, Baatee walumaa gala gidduu galeessa irraa haga kaabaa kibba irraa haga bahaa dhiyaa Oromiyaatti itti fufe.
Barattooti Oromoo yuniversity Adda Addaa walitti gurmaahuun ibsa baasanii sagalee fi yaada isaanii dhageesisan. Barattooti Yuniversity Jimmaa xalayaa barreessuun qaamoota mootummaa keessa jiran hawaasa Oromoo maraaf bifa xalayaatiin rakkoo biyyittii keessa jiruf furmaata yeroo gabaabaa fi dheeraa akeekan. Diddaan Oromoo kun itti fufiinsaan qindaahe kana lukkee fi sirnidhablooti yeroo bu'aa isaatti qoosan dhagahuun nama hin raaju.
Bu`aan fincila diddaa gabrummaa kana irraa argame guddaa dha. Qabsoo Oromoon bilisummaa isaaf godhu sadarkaa ol aanaatti tarkaafate, sagaleen Oromoo addunyaa biratti dhagaheme, Oromoon humna murteessaa ta'uu firrii fi diinni hubate.
Egaa warri kaleessa qabsoo bilisummaa Oromoo sadarkaa ol aanaatti tarkaanfachisan fi bilisummaa keenya biraan nu gahuuf nu waliin socho'aa turan harra eessa jiru ? yakka tokko malee akka bineessaa ari'amanii ajjeefamuun akka hoolotaa bakka argamanitti humnaan qabamanii hidhamuun yoom nurraa hafa ? Diinni kan nu ajjeesu kan nu hidhu afaan nu qabachiisuf furmaanni gaafii uummata keenya debbiin isaa hidhamuu fi ajjeefamuu dha!? Jarri kana nu tolchaa jiru. Nuti hoo deebii kana madaalu yoomii fi akkamiin itti haa laatnu? Jennee of fi wal gaafachuu qabna.
Gidiraa diinaa kana fudhannee diinaaf sagadnee callisnee ta'uu hin dandeenyu. Wareegama jaallan WBO fi ilmaan Oromoo FDG irratti wareegama firii itti gochuuf xuurree isaan nuuf saaqan itti fufnee gumaa jaallan wareegamanii injifannootti jijjiiruu fi jaallan manneetii hidhaa wayyaanee keessaatti gidiraa argaa jiran bakka sanaa baasuun, galii qabsoo keenyaa bakkaan gahuu qabna. Warra dirqamaa fudhatee fi irbuu jaallaniif galle waan taaneef qabsoo keenya gama hundaan of dura oofuun nurraa eegama. FDG Oromoon gaggeessu kan haga bilisummaa Oromootti kan itti fufu ta'uu hubatamuu qaba.
Dhaamsa fi ibsaa jaalan nuuf qabsiisuuf itti wareega lubbuu baasan, dhiiga itti dhangalaasanii fi lafee itti cabanii ija nuuf banan kana galmaan gahuun dirqama warra amma jiruuti. Sochii keenya kana galmaan gahuuf wal qindeessuu fi wal sochoosuun nu feesisa. Diinni boqonnaa dhabuu qaba! Dheebuu bilisummaa ummanni keenyi qabus dhunachiisuu dandahuu qabna! Ummannii miliyoonaa 40n lakkahamu akkana waan xixiqqoon wal ciree fi wal hiree, of kennisa dhabee saba bicuun bitamuun qaanii guddaa dha! Kun bakka kanatti dhaabbachuu qaba! Dhaadannoo ``Oromoo bakka jirtu maraa tokkummaan ka`ee biyya isaaf falmaa hadhaawaa gochuu qaba!`` jennu itti haaromsinee irbuu keenya haaromsuun qabsoo keenya hoggana ABO jalatti finiinsuuf sadaasa 9, 2008 dhiyaatee jira!
Kanaaf diddaan jalqabame bifa irra bilchaataa ta'een murna hawaasa Oromoo mara hirmaachiseen itti fufuu qaba. Rakkoo diinni mooraa qabsoo Oromoo keessatti dhalchuuf tattaafates irratti dammaquun fashalsaa mooraa ofii cimsataa fi qulqulleessaa tarkaanfachuun feesisa. Kan Oromoon qaanii keessa jiru keessaa kan bahuu dandahu yoo jabaate qofaa ta'uu hubatuun tokkummaan socho`uutu nurraa eegama! Dhugaa fi Hawwannoon Oromoon haawaasa addunyaa biraa argachuu kan dandahu yoo humni keenyii fi hojii keenya jabaate qofaa dha. Humna ta'uu muldhisuuf ammoo tarkaanfiilee fudhatamuu qaban itti jabeessuu nu gaafata.
Hawwannoon qabsoon Oromoo ilmaan Oromoo mooraa diinaa keessa jiran keessaa qabu hubatamaa dha. Diddaan diddaa dhalcha! Diddaan jabaatee wayyaanee mogolee laaffisuu fi jilbeenfachiisuuf meeshaa jabaa ta'uu hubachuun qophii gama sanaan godhamu cimsuun feeisa. Wayyaaneen garee heera ofii tumeef hin abboomamne dha. Gaaffii uummataa kan mirga hiree ofii ofiin murteeffachuu deebisuuf fedhii hin qabaanne dha. Afaan wayyaaneef galu yoo jiraate humna dha. Oromoon humna qabu qindeeffatee of humneessuun dantaa isaa fi mirga abbaa biyyummaa isaa kabachiifachuuf harka wal qabatee diddaa isaa cimsuu qaba!
Injifannoo Ummata Oromoof!!
Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!!
Kaayoon Gadaa Milkii Deebiti!
|